Bulchiinsa magaalaa Shaashamannee fi Aanaa Shaashamanneetti duulli talaallii dhibee Koleeraa eegalame

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Shaashamannee fi Aanaa Shaashamanneetti dhibee Koleeraa to’aachuu fi ittisuuf hawaasa kuma dhibba tokkoof duulaan talaalliin kennamuu eegaleera.
Duullii talaallii ittisa dhibee koleeraa namoota umriin isaanii 1 ol ta`eef kennamu, Gandoota Magaalaa Shaashamannee fi Aanaa Shaashamannee filataman keesatti eegaleera.
Talaalliin kun qindoomina Biiroo Fayyaa Oromiyaa, Inistiityuutii Qorannoo Fayyaa Armar Haansan, Istiityuutii qorannoo Fayyaa Hawaasa Ityoophiyaa fi deegarsaa mallaqaa dhabbaata elektirooniksii LG Kooriyaa irraa argameen kan laatamu ta’uu ibsameera.
Hawaasni karaalee dhukkubni ittin dadarbuu hubaannoo akka argatuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu daayreektarri Olaanaan Inistiityuutii qorannoo Fayyaa Armar Haansan proofeesaar Afawarq Kaasuu himaniru.
Dhibee Koleeraa to’aachuu fi ittisuuf dhaabbilee deeggarsaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Dhibeen koleeraa bara 2008 irraa kaasee biyyattii keessatti namoota kuma 30 ol irratti muul`ate keessaa lubbuu namoota 300 galaafachuu himaniiru.
Kantibaan magaalaa Shaashamannee obbo Woshoo Kadiir jiruuf jireenyaa hawaasa foyyeessuun hawaasni rakkoo fayyaaf akka hin saaxilamneef hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Galma badhaadhinaa keessaa tokko hawaasa fayya qabeessaa fi misoomaa keessatti hirmaatu horachuuf ta`uu himuun,talaalliin Koleeraa guyyaa har`aa irraa eegalee kennamu lubbuu lammiilee baraaruuf ta`uu dubbataniiru.
Koleeraan dhibee yoo yaala hin arganne lubbuu nama galaafachuu danda’a waan ta’eef talaallamuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Talaalliin kun marsaa lamaan torbee lama keessatti kan kennamu ta’uu Itti gaaatamaan waajjira fayyaa magaalichaa obbo Tashoomaa Muhaammad ibsaniiru.
Bara 2030tti dhibee koleeraa biyyaa keessaa dhabamsiisuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Lammaa Tasfaayeetuu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment