Bulchiinsa magaalaa Sabbataatti abbootii warraa kuma 1 fi 70 deeggarsi taasifame

Finfinnee, Eebila 18, 2012 (FBC) –Bulchiinsa magaalaa Sabbataatti abbootii warraa kuma 1 fi 70 deeggarsi taasifame.

Bulchiinsa magaalaa Sabbataatti Sooma Ramadaanaa fi weerara vaayrasii koroonaa sababeeffachuun deeggarsi abbootii warraa kuma 1 fi 70 naannoo Sumaaleerraa qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif taasifameera.

Deeggarsicha kan taasisaan Ustaaz Abubekaar Ahimad fi abbaa qabeenya lammii Tuurk waliin waltumsaan taasisaniiru.

Deeggarsichaan daakuu kiiloo 10, makoroonii kiiloo 10, nyaata soomaaf oolu kiiloo 5, zaayta nyaataa liitira 3 fi meeshaalee qulqullinaa arjoomaniiru.

Ustaaz Abubekaar Ahimad Faanaa Broodkaastiing Koorporeet akka himanitti, deeggarsichi abbootii warraa 1070 naannoo Sumaaleerraa buqqa’anii magaalaa sabbaataa jiraatan maatii kuma 5 ol ta’aniif taasisifamuu dubbataniiru.

Yeroon ammaa Sooma Ramadaanaa ta’us namoonni sabaaba weerara vaayrasii koroonaan jiru fi jireenya isaanii gaggeeffachuu dhabuun galiin isaanii gadi aanaa ta’e rakkoon akka isaan hin mudanneefi jedhaniiru.

Kanarraa darbees mootummaan tamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf tattaaffii taasisu deeggaruuf kan kaayyeeffateedha jedhaniiru.

Deeggarsi taasifames tilmaama Birrii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 3 ta’u himaniiru.

Comments (0)
Add Comment