Bulchiinsa magaalaa Hawaasaatti tattamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf biiffaan kemikaalaa gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 12, 2013 (FBC) – Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Sidaamaa magaalaa Hawaasaatti tattamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf biiffaan kemikaalaa gaggeeffameera.
Magaalaa hawaasaatti guyyaa kaleessaa qofaa namoota saamuda covid-19 laataan 200 keessa 68 vaayrasichaan qabamaniiru.
Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Hawaasaa Gargaaraa pirofeesara Tsaggaayee Tukkee tattamsa’inni vaayasii koroonaa magaalichatti dabalaa jiraachuu ibsaniiru.
Hawaasni magaalichaa ofeeggannoo taasisuu akka qabu eeraniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment