Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Qaammeen 4 Guyyaan Gootummaa kabajame

Finfinnee, Qaammee 4, 2013 (FBC)-Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Qaammeen 4 guyyaan Gootummaa, mataduree “Goota kabajuun biyya kabajuudha! ” jedhuun sagantaa garaagaraatiin kabajameera.

Guyyicha sababeeffachuunis Bulchiinsi Magaalaa Finfinneetiis ,Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa dabalatee Gootoota biyyattii ,Maatii Ogeeyyii Fayyaa lubbuu isaanii weerara dhibee covid-19 ittisuu irratti dhabaniif sirna galateeffanna fi beekkamtii laatameera.

Saganticharratti Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin ,Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa biyya Dooktar Qana’aa Yaadataa, itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee dabalatee aanga’oonni olaanoo argamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment