Bulchiinsa Magaalaa Baddeessaatti guyyaa tokkotti Bittaan Boondii Birrii miiliyoona1 olii raawwatame

Finfinnee, Amajjii 28, 2014 (FBC) – Godina Harargee Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Baddeessaatti Guyyaa Tokkotti Bittaan Boondii Birrii miiliyoona1 fi kuma 30 raawwatamuu ibsameera.

Ijaarsa hidha haaroomsaaf guyyaa tokkotti bittaan boondii Birrii miliyoona 1 fi kuma 30 raawwachuu Kaantiibaan Magaalaa Baddeessaa obbo Musxafaa Jamaal himaniiru.

Bulchiinsi Magaalaa Baddeessaa bittaa boondii Birrii miliyoona 1 fi kuma dhibba 3 raawwaachuuf karoorfatee guyyaa tokkotti qofa bittaan boondii Birrii miliyoona 1 fi kuma 30 raawwatamuu obbo Musxafaan eeruu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Harargee Lixaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment