Bulchiinsa magaalaa Asallaatti Sagantaan lulluuqqii guddaan Daandirratti gaggeeffame

Finfinnee, Eebila 17, 2014 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti Sagantaan lulluuqqii guddaan guyyaa har’aa Daandii Aspaaltii irratti gaggeeffameera.

Sagantaa kanarrattii kantiiban Bulchiinsa Magaalaa Asallaa obbo Gazzaalii Hashuu Dabalatee Abbootiin Amantaa ,Jaarsoleen biyyaa fi Hordoftoonni Amantichaa laakkofsaan naannoo kuma 10 oli ta’an argamaniiru.

Walitti Qabaan Mana maree dhimmoota Islaamummaa magaalaa Asallaa shek Abdulkariim Muhammad Sagantichi kan obbolummaan, jaalallii fi tokkummaan itti argamu ta’uu dubbataniiru.

Dabalataanis hawaasni musliimaa ummata hongeen miidhamaniif deeggarsa barbaachisu taasisuu akka qaban dhaamaniiru.

Abbootin amantaa Ortodoksii saganticha irratti argamanis sagantaan akkanaa obbolummaa f waliin jireenya amantaalee adda addaa gidduu jiru cimsuu fi humnoota garaagarummaa uumuuf tattaafatan kan qaanesse tahuu ibsaniiru.

Abdallaa Amaanii fi Liyaa Dhugumaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment