Bulchiinsa lafaa ammayyeessuuf hojiileen eegalaman cimanii itti fufu-Biiricha

Finfinnee, Mudde 8, 2017 (FMC)- Bulchiinsa lafaa ammayyeessuuf hojiileen eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uu Biiroon Lafa Oromiyaa beeksise.

Sagantaan muuxannoo waljijjiirraa Waajjiraalee Lafaa Magaaloota naannichaa 23 hirmaachise Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Hogganaan Biirichaa Obbo Kadiir Maammoon haasawaa taasisaniin, Bulchinsa lafaarratti hanqina kenna tajaajilaa fi hojmaanni ammayyaa’aan dhabamuun madda rakkoo ta’uu himan.

Lafti madda diinagdee akka ta’u sirna bulchiinsa lafaa si’ataa, dhaqqabamaa fi ammayyeessuun qabiyyee fi cittuu lafaa kaadaastaraan galmeessuu fi dijitaalessuun hojjirra oolaa jiraachuu yaadachiisan.

Lafti madda rakkoo akka hintaane sirna ammayyaa’aa diriirsuuf hojiileen eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.

Saganticharratti bulchiinsa lafaa dijitaalessuurratti muuxannoon Magaalaa Adaamaa dhiyaateera.

Magaalichatti tajaajila ‘E-Land’ hojjirra olchuun, ragaa lafa kuma 100 fi Kuma 17 ol dijitaalessuun danda’amu Kantibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Haayiluu Jaldee ibsaniiru.

Hojjiin bulchiinsa lafaa amayyeessuu kutaa magaalaa jahaa fi aanaalee 14 keessatti hojiirra oolaa jiraachuus himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment