Bulchiinsa Godina Saba Oromootti konfiraansiin hawaasa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC)- Bulchiinsa Godina Saba Oromootti konfiraansiin hawaasa gaggeeffamaa jira.

Konfiraansicharratti preezdaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa, itti aantuu Mana Maree Af Yaa’ii naannichaa aadde Faantuu Tesfaayee, hoggantoonni hojii mootummaa olaanoon naannichaa, godinaa fi aanaa akkasumas hoggantoonni naannoo Affaar argamaniiru.

Konfaraansichaan uummattoota oolla bulchiinsichaa waliin hariiroo uummataa fi uummataa gidduu jiru cimsuuf, dhiibbaa namoomaa fi meeshalee waraanichaan qaqqabee beeksisuuf, qaamolee birmaddummaa biyyarratti hirmaataniifi beekkamtii laachuu misoomni cimee akka itti fufuu gochuuf kan kaayyeffatedha jedhameera.

Sagantichaan Igziibishinii suuraa miidhaa waraanaan qaqqabee  agarsiisuu fi qophiiwwan addaa addaa agarsiisaaf dhiyaataniiru.

Maddi:-AMK

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment