Bu’iitti Daa’immaan 4 lolaan fudhataman

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2016 (FBC)-Godina Guraagee Bahaa Magaalaa Bu’iitti daa’imman afur lolaadhaan fudhatamuu Waajjirri Poolisii Magaalattii beeksise.

Ajajaa Poolisii Magaalattii Inspeektara Olaanaa Mallas Tasammaa daa’immaan lolaadhaan fudhataman umriin isaanii 13-15 gidduu fi afranuu shamarran ta’uu ibsaniiru.

Balichi Laga Kalakindoo jedhamutti kan mudate ta’uus eeran.

Hanga ammaattis reeffi daa’imman lamaa kan argame yoo ta’u, kan hafan ammoo barbaadamaa jiraachuu dubbataniiru.

Waqtiin ammaa Gannaa waan ta’eef hawaasni of eeggannoo barbaachisaa taasisuu fi daa’immaan isaanii eeguu akka qaban hubachiisuu ragaan kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment