Finfinnee, Amajjii 30, 2015 (FBC)- Godinaalee ja’aa fi aanaalee addaa shan Naannoo Sabaa fi Sabalammoota Kibbaa jalatti argamanitti murtee ummataa gaggeeffameen bu’aan yeroo ummataaf ifoomuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksise.
Qindeessituun Olaantuu Waajjira Qindeessaa Murtee Ummataa Boordichaa Aadde Maqidas Mokonniin TOI akka ibsanitti, lakkaawwiin sagalee kaleessa galgala xumurameera.
Bu’aan yeroos naannawaa kenniinsi sagalee gaggeeffame giddugloota 31’tti kan argaman buufataalee filannoo kuma 3 fi 771’tti har’a ganama ifoomuu ibsaniiru.
Murteen ummataa naannicha Godinaalee ja’aa fi aanaalee addaa shanitti kaleeessa gaggeeffamuu beeksisaniiru.
Raawwachiistonni filannoo, taajjabdoonni, qaamoleen nageenyaa sadarkaan jiran sirna filannoo raawwachiisuuf qindoominaan hojjechuu ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.