Bu’aan sanyii baayyisuun galmaa’aa jiru jajjabeessaa fi abdii qabeessa-BQO

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2016 (FBC)- Bu’aan hojiilee sanyii baayyisuu hojjetamaniin galamaa’aa jiru jajjabeessaa fi abdii qabeessa ta’uu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Godina Arsii Aanaa Loodee Heexoosaatti kilaastara misooma qamadii hooggantootaa fi hojjettoota Biiroo Qonnaa Oromiyaan dawwatameera.

Hogganaa Ittaanaan Biirichaa Obbo Bariisoo Fayyisaa qonnaan bultoonni sanyii qamadii baayyiss aa jiraachuu ibsanii, hojiileen sanyii baay’isuu hojjetamaa jiran hanqina sanyii akka naannootti mudachuu malu furuuf kan gumaachu ta’uu dubbataniiru.

Obbo Bariisoonis, hojiin sanyii baayyisuurratti bara kana hojjetamaa jiru jajjabeessaa fi abdii qabeessa ta’uu ibsaniiru.

Daarikteerri Giddugaleessa Tiraanisfoormeeshiinii Qonna Oromiyaa Obbo Dassaalanyi Dhugumaa gama isaaniin, hojii sanyii baayyisuu aanaalee 28 irratti gaggeeffamaa jiraachuu kaasaniiru.

Hanqina sanyii furuuf sanyii bu’uuraa baayyisuun oomishtummaa qonnaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himanii, fuulduraattis deeggarasa barbaachsiaan akka taasifamuu eeraniiru.

Qonnaan bultoonni hojii sanyii baayyisuurratti bobba’anis, fayyadamoo ta’aa jiraachuu ibsaniiru.

Fuulduraattis caalmaan fayyadamummaa isaanii mirkaneeffachuuf manni kuusaa midhaanii akka ijaaramuuf gaafachuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment