Finfinnee, Gurraandhala 16, 2014 (FBC)- Bu’aan qormaata Siiviiksi madaallii seensa yuunvarsiitiif akka hin tajaajille murtaa’uu Ejansii Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Biyyaalessaa beeksiseera.
Ejansichi dhimmicha ilaalchisuun ibsa laateen, soororsi qormaata seensa yuunvarsiitii kutaa 12ffaa bara 2013 amansiisaa ta’uu fi meeshaalee sakattoo xuxuqqiirra bilisaatiin kaameraawwan poolisii federaa fi seekterichaatin tumsamee of eeggannoon gaggeeffamu ibsameera.
Dabalatanis xiinxalli bu’aa qormaatilee akaakuu barnootaatin, manneen barnootaa fi sadarkaan barataa gaggeessuu fi bu’aawwan akaakuu barnoota tokko tokkorratti gamaaggamaa gaggeessuu ibseera.
Bu’uuruma kanaan bu’aan qormaata siiviiksi manneen barnoota hunda keessaatti sadarkaa walfakkatadha jedhuun daballii agarsiisuu ibsameera.
Sababa kanaanis bu’aan qormaata Siiviiksi madaalli seensa yuunvarsiitiif akka hin tajaajille murtaa’uu ejansichi ibseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.