Bu’aan oomisha Qamadiin galmaa’e mallattoo ce’umsa Itiyoophiyaati- Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Qaammee 1, 2016 (FBC) – Bu’aan oomisha Qamadiin galmaa’e mallattoo ce’umsa Itiyoophiyaa ta’uu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen himan.

Qaammeen 1, Guyyaan Ce’umsaa mata duree “Hambaalee ce’umsaa, Horata ifa haaraa”jedhuun kabajamaa jira.

Mallattoo ce’umsa Itiyoophiyaa keessaa tokko qonna yoo ta’uu, kana keessa Qamadiin qooda olaanaa qabaachuu Dooktar Girmaan himaniiru.

Bara kana akka biyyatti lafti hektaarri miiliyoonni 4 sanyii qamadiin uwwifamuu fi % 70 Kilaasteraan kan misoome ta’uu kaasaniiru.
Kunis qonni Itiyoophiyaa gara ammayyaatti ce’uu agarsiiftuu ta’uu eeraniiru.

Waggoota shananii as Qamadiin Jallisiin misoomaa jiru bu’aa olaanaa galmeessaa jiraachuu dubbataniiru.

Qamadii waggaatti yeroo lama oomishuun ce’umsi galmaa’aa jiraachuu himaniiru.

Yeroo ammaa qonni biyyattii % 20 Meekaanaayizeeshiniin qotamaa jiraachuu eeruun, yeroo itti aanu qonna morma qotiyyoorraa buusuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.

Bara kana lafa qotame keessaa hektaarri miiliyoonni 8.6 ol Kilaasteraan misoomu dubbataniiru.

Bara 2017 keessa ammoo lafa hektaara miiliyoona 12.4 kilaasteraan misoomsuf karoorfamuu kaasaniiru.

Bara oomishaa 2016/17 lafa hektaara miiliyoona 20.4 sanyiin uwwifamerraa callaa kuntaalli miiliyoonni 614 kan eegamu ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment