Bu’aan marii nageenyaa Ityoophiyaa fuuldutatti tarkaanfachiisuuf faayidaa olaanaa kan qabudha-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2015 (FBC)– Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Afrikaa Kibbaatti waliigalteen har’a mallatteeffame Ityoophiyaa fuulduratti tarkaanfachiisuuf faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu ibsan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ibsa isaaniin waggaa 4 fi walakkaan dura jijjiirama eegalame kutannoo nageenyaaf qabnu kan argisiisee fi bu’uureffamee kan jiraatuudha jedhan.

“Nutis hojiirra oolmaa isaaf murannoon qabnu cimaadha” jechuun ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa Koomiishinii Gamtaa Afrikaa fi Ergamaa Addaa Gaanfaa Afrikaa Gamtichaa fi Pireezidaantii Naayijeeriyaa Duraanii Oliseegoo Obaasaanoo, miseensota nageeyaa waliin ta’uun akkasumas marii nageenyaarratti bakka bu’oota hirmaatan, Pireezidaantii Duraanii Keeniya Uhuuruu Keeniyaattaa fi Ittaantuu Pireezidaantii Duraanii Afrikaa Kibbaa Dooktar Fumuuzeel Maalaamboo, dabalataan dhaadannoo Gamtaa Afrikaa kan ta’ee “Rakkoolee Afrikaaf Furmaata Afrika” kan hogganan Dura Taa’aa Koomishinii Gamtaa Afriikaa Muusaa Faakii Mahaammatiin galateeffataniiru.

odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment