Bu’aan hojii bara 2015 keessa galmaa’ee kan ittiin boonnu qofa osoo hin taane caalmaatti cimnee hojjechuuf kan nu kakaasu – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Hagayya1, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Gamaaggamni Raawwii hojii bara 2015 gaggeeffamaa ture xumurameera.

Bu’aan hojii bara 2015 keessa galmaa’ee kan ittiin boonnu qofa osoo hin taane, hojiilee eegalaman babal’isuun magaalaa jireenya jiraattootaa mijooftuu fi fakkeenya Badhaadhinaa taane ijaaruuf caalmaatti cimnee hojjechuuf kan nu kakaasuudha jedhan Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.

Gamaaggama raawwii hojii bara 2015 ‘jijjiirama qormaataf hin jilbiiffanneei jechuun’ eegalle xumurreerra jedhan.

Sirna tajaajilaa si’ataa fi haqa qabeessa taasiisuun hojiilee riifoormii eegalame cimsuun tajaajila haqa qabeessa ummataaf qaqqabsiisuuf, hannaa fi hojimaata badaa sirreessaa kenniinsa tajaajilaa teeknooloojiin deeggarame laachuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru.

Nutis amantaa ummata keenyaa kana cimina godhachuun, humna hoggansa keenyaa cimsuuni fi dhaabbilee ummataaf quuqaman ijaaruun gaaffilee jiraattootaa yeroo yeroon ka’aa ture kan ta’e gaaffiiwwan akka rakkoolee bulchiinsa gaarii fi pirojaktoota dhiibbaa jireenyaa hawaasa keenyaa salphisuu danda’an irratti xiyyeeffannoo addaa laannee hojjachuu keenya itti fufna jedhan Fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Nageenya magaalaa keenyaa kabachisiisuuf ummata keenya nagaa jaalatuu waliin taanee magaalaa jiraattoonni ishee nagaan bahanii itti galan ta’uun ishee cimee kan itti fufu wayita ta’u, humnoota farreen nageenyaaf aangoon of tuulummaan hin akka hin dhufne magaalaan teenya ammas fakkeenya gaarii ni taati jedhaniiru.

Finxaalessummaa fi mankaraarsummaan gochaan obbolummaa sabdaneessuummaan kan itti mo’ataman, nageenyi ishee hirmaannaa ummataan itti fufiinsaan kan itti mirkanaa’eefi kan hundaaf mijattu, akkuma maqaashee Finfinnee miidhagde dhugoomsuuf jabinaan tajaajiluu keenya itti fufna!.

Comments (0)
Add Comment