Bu’aaleen qorannoo qonnaa qonnaan bultoota fayyadamoo ni taasisu jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Bu’aaleen qorannoo qonnaa qonnaan bultoota fayyadamoo ni taasisu jedhameera.

Hojiiwwan damee qorannoo qonnaa babal’isuudhan, qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota fayyadamoo taasisuun kan barbaachisu ta’uun eerameera.

Qorannoo damichaa guddisuudhan oomishaa fi oomishtummaa dabaluun dhimma murtessadha jedhameera.

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Ityoophiyaa qonnaan bultoota naannoleerraa walitti babba’anii fi qamoleen damee qorannoo qonnaa irratti hojjeetan waliin waltajjii muxannoo waljijjiirraa gaggeessaa jira.

Bu’aalee qorannoo qonnaatti fayyadamuun qonnaan bultoonni fayyadamoo akka ta’an waltajjicha irratti dubbatameera.

Comments (0)
Add Comment