Bu’aalee diinagdee fi dameewwan biroon argaman mootummaan jecha gochaan raawwachaa jiraachuu akeeku-Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2016 (FBC)- Bu’aaleen diinagdee fi dameewwan biroon argaman mootummaan jecha gochaan raawwachaa jiraachuu kan mirkaneessan ta’uu Sadarkaa Ministira Muummee Ittaanaatti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasi Obbo Adam Faaraah ibsan.

Raawwiin guyyoota 100 bara baajatichaa bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gamaaggamameera.

Obbo Adam Faaraah gamaaggamicha ilaalchiisuun ibsa kennaanii, Paartiin biyya Bulchaa jiru filannoo biyyalessaa 6ffaan waadaa ummataaf galeen galmoota qabaata milkeessuu yaadachiisaniiru.

Akkaataa qajeelfama paartichaan, galmoota hojiirra oolchuuf gamaaggamni raawwii yeroo hundaa kan gaggeeffamu ta’uu ibsuun, gamaaggammichaan hojiileen jecha gochaan mirkannessaan hojjetamuu eeraniiru.

Mootummaan diinagdee Itiyoophiyaa dinaagdee guguddoo Afrikaa shanan keessaa tokko taasisuuf karoora qabu ummataaf ifatti beeksisuu kaasaniiru.

Oomishaa waliigalaa biyyattii yeroo gabaaba keessatti Doolaraa biiliyoona 205 qaqqabsiisuun dacha lamaan akka guddatu taasisuu fi galiin nama dhuunfaas akka dabaluu taasifamuu ibsan.

Lafa heektara miiliyoona 3 irratti oomishuu fi oomishi kuntaala miiliyoona100’n akka dabalu taasisuun oomishtummaa guddisuun akka danda’ame eeraniiru.

Damee indaastiriin sosochii “Itiyoophiyaan haa oomishtuun” hojiilee hojjetamaniin bu’aaleen guguddoon argamuu dubbataniiru.

Damee Tuurizimii fi Albuudaan qabeenya uumama jiran adda baasuu fi misoomsuun dhaabbileen guguddoon hojiilee invastimantirratti akka hirmaatan taasisuun hojiin badhaadhina biyyaa mirkaneessuu hojjetamuu himuu TOI gabaaseera.

Hojiileen Dijitaal Itiyoophiyaa milkeessuu dandeessisaan hojjetamuu eeruun, gamaaggamaa isaaniin jecha gochaan mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu cimee itti fufuu kan ibseedha jedhan.

Mariin ummataa gaggeeffamuun gaaffilee deebii hatattamaa barbaadan adda baasuun dhimmaa ijoo akka ture yaadachiisanii, kunis jijjiirama qabatamaan argamsiisuu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment