Bu’aa qorannoo Af daneessaa ilaalchisee mariin gaggeeffame

Finfinnee, 18, 2015 (FBC ) – Hoggantoota olaanaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin bu’aa qorannoo Af daneessaa ilaalchisee mariin gaggeeffameera.

Hojiirra oolmaa Af daneessaan afaan dhalootaa dabalataan Afaanoota biyya keessaa fi alaa sirna barnootaa keessatti akka hammatamu qorannoon taasiifamee bu’aa isaarratti mariin gaggeeffameera.

Bu’aa qorannichaa ilaalchisee hawaasa waliin mariin taasiifamuu akka qabu hoggantoonni maricharratti hirmaatan ibsaniiru.

Afaan tokko ol beekuun faayidaa diinagdee qabuun dabalataan walitti dhufeenya hawaasummaa cimsuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu barreeffama qorannichaa kan dhiyeessan Barsiisaan Yunivarsiitii Kotabee Dooktar Yooseef himaniiru.

Gama kanaan hojiin mootummaan naannoo Oromiyaa naannolee ollaa waliin hojjechaa jiru jalqabbii gaarii ta’uu eeramera.

Qorannoo dhiyaateen Afoota biyya keessaa fi Afaan Ingilizii dabalataan afaanoonni naannawaa filannoof dhiyaachuu ibsameera.

Dhaloonni itti aanu hariiroo hawaasummaa isaa caalmaatti cimsuuf hojiirra oolmaan Af daneessaa qooda olaanaa qabaachuu ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.

Marii gaggeeffameerratti kantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni olaanoon biroo argamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment