Bu’aa qabeesummaa damee leenjii ogummaa fi teekinikaaf hojjetamaa jira-Aadde Mufaariyaat Kaamiil

Finfinnee, Hagayya 21, 2015 (FBC)-Dameen leenjii ogummaa fi teekinikaaf riqicha beekumsaa fi ogummaa walquunnamsiisu waan ta’eef bu’aa qabeessummaa damichaaf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Ministeera Ogummaa fi Hojii Aadde Mufaariyaat Kaamiil ibsan.

Inistiitiyuutiin Leenjii Ogummaa fi Teekinikaa Federaalaa barattoota damee barnootaa garaagaraan digirii jalqabaan leenjisaa ture kuma 3 fi 600 ol eebbisiiseera.

Sirna eebbichaarratti Aadde Mufaariyaat dameen teekinikaa fi ogummaa riqicha beekumsaa fi ogummaa walquunnamsiisu ta’uu kaasan.

Damichas gara sadarkaa caaluutti ceesisuuf hojjetamaa jira jedhan.

Daayrektarri Inistiitiyuutichaa Dooktar Biruuk Kadiir gama isaaniin, dhaabbatichi hanqinaalee qorannoo guutaa jiraachuu ibsaniiru.

Eebbifamtoonnis beekumsaa horatanii fi Ogummaa argatan gara hojiitti jijjiiruun guddina teeknooloojii fi carraa hojii biyyaaf gahee olaanaa akka bahatan dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment