Bu’aa qabeessummaa rifoormii gabaa boba’aaf xiyyeeffannaan hojjetama-Obbo Ordiin Badirii

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2014 (FBC) – Bu’aa qabeessummaa rifoormi gabaa boba’aaf xiyyeeffannaan akka hojjetan Preezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii dubbatan.

Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhaminsi Naannawaa hojirraa oolmaa rifoormii gabaa boba’aarratti qondaaltota hojii Naannoo Hararii waliin mari’ateera.

Waltajjii marichaarratti mootummaan naanichaa hojiirra oolmaa rifoormii gabaa boba’aa bu’aa qabeessa akka ta’uu kan hojjetan ta’uu Obbo Oordiin dubbataniiru.

De’eetaan Ministiraa Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Hasan Mahaammad, hojimaanni duraan hojiirra oolaa ture imaammataan kan hindeeggaramne ta’uutti dabalataan, bara 2009 eegalee boba’aa waliigalaan deeggaruun, daldala kontiroobaandiif ulaa banuu fi biyyattii dhiibbaa idaa keessa galchuu himaniiru.

Deeggarsi boba’aa hojiirra ooluuf karoorfames, hawaasaa sadarkaa gadaanaa fayyadamtoota kan taasisu ta’uun, rifoormichaa sirnaan hojiirra oolchuuf naannoleen gahee isaanii bahachuu akka qaban himaniiru.

Bara 2009 deeggarsi boba’aa taasifame biyyattii Birrii biiliyoona 132 idaa keessa kan galchee fi kunis dhiibbaa idaa olaanaa hordofsiisuu ragaan kominikeshinii naanichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf:

Telegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuki:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment