Bu’aa qabeessummaa marii biyyaalessaaf diyaaspooraan ga’ee isaa akka ba’atu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Adoolessa 19, 2014( FBC)- Bu’aa qabeessummaa marii biyyaalessaaf diyaaspooraan hirmaannaa ho’aa taasisuun ga’ee isaa akka ba’atuuf Tajaajilli Diyaaspooraa Ityoophiyaa waamicha dhiyeesse.

Waltajjiin marii mata duree “marii biyyaalessaarratti ga’ee diyaaspooraa fi muuxannoo biyyootaa” jedhuun magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Mariin biyyaalessaa karaa bilisa ta’een akka gaggeeffamuuf diyaaspooraan itti gaafatamummaa isaa akka ba’atuuf marii gaggeessuun barbaachisaa ta’uu Ittaanaan Daayrektaraa Tajaajilichaa Mahaammad Idiriis ibsaniiru.

Marichi bu’aa qabeessa akka ta’uuf diyaaspooraan hirmaannaa ho’aa taasisuun ga’eesaa ba’achuu qaba jedhan.

Hawaasni diyaaspooraa itti gaafatamummaa isaa ba’achuuf mata duree “Anis Biyya Koof; biyyi koos Anaaf” jedhuun sochii taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Hojii tokkummaa cimsu hojjechaa jiraachuu eeruun, hanga ammaatti konfiraansiiwwan tokkummaa cimsan 800 ol qaamaa fi viidiyoo konfiransiin gaggeessuun danda’amuu dubbataniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon gamasaaniin, gama karoora waamicha gara biyyaa “Iid hanga Iid” fi “Waamicha Guddicha gara Biyyaa” milkeessuun bu’aa guddaan galmaa’uu ibsaniiru.

Dadammaqina diinagdee fi hawaasummaa fiduu keessatti ga’een diyaaspooraa olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Waltajjiin marii, marii biyyaalessaarratti ga’ee diyaaspooraafi muuxannoo biyyootaa irratti taasifamu kun rakkoo biyyaa ofiin furmaata itti kennuuf kan kaayyeffate ta’uu eeraniiru.

Yismuu Adaraawu fi Awwal Abarraatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment