Bu’aa qabeessummaa hojiilee jijjiiramaa Ityoophiyaan gaggeessituu jarman deeggarsa gama ishee ni taasisti-Amb. Isteefen Ahuurni

Finfinnee, Adoolessa 18, 2014 (FBC) – Bu’aa qabeessummaa hojiilee jijjiiramaa Ityoophiyaan gaggeessituu Jarman deeggarsa gama ishee akka taasistu Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Jarman Isteefen Ahuurni ibsan.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Jarman Isteefen Ahuurni waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniinis Dooktar Ergoggeen Ityoophiyaa fi Jarman hariiroo dippiloomaasummaa waggoota dheeraa lakkoofsise kan qaban ta’uu ibsaniiru.

Ittigaafatamni olaanaan waajjira ministeerichaatti akka kennamee ibsaniiru.

Keessumaa, yeroo ammaa nageenya amansiisaa mirkaneessuu fi misoomaa saffisiisuuf gahee dubartotaa, dargaggootaa fi gurmaa’inaalee addaa addaa cimsuuf ministeerichi xiyyeeffannaan hojjechaa jirachuu ibsaniiru.

Tattaaffii kanas mootummaan jarman deeggarsi taasisu cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Ityoophiyaatti Ambasaddarri Jarman Isteefen Ahuur, gama isaaniin ministeerichi dubartoota ga’oomsuu, dargaggoota tajaajila tola ooltummaarratti bal’inaan akka hirmaatan taasisuuf tattaaffii isaa dinqisiifataniiru.

Sababa waraanaan lammiilee miidhaamaniif deeggarsa mootummaan taasisaa jiruu fi adeemsa nagaan rakkoolee jiran furuuf riifoormii gaggeeffamaa jiru akka deeggaran beeksisaniiru.

Fuuldurattis, ijaarsa nageenyaa, dubartoota ga’oomsuu, deeggarsa namoomaa waliin gahuu, dhiyeessii anniisaa haaromsaa fi dameelee birootiin hojiilee Ityoophiyaan gaggeessitu Jarman akka deeggarsa taasistu ibsaniiru.

Akkasumaas hariiroo dippiloomaasummaa fi diinagdee biyyoota lameen gidduu ceesisuuf xiyyeeffannaan akka hojjetan ibsuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment