Bu’aa qabeessummaa hojiilee bulchiinsa gaariif itti fayyadamni baajataa haqa qabeessi murteessaadha jedhame

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC) – Lammiileef hojiilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii bu’aa qabeessa taasisuuf haqa qabeessaan baajata waliin gahuun murteessaa ta’uu Pirezidaantiin Naannoo Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaa Ibsan.

Qooddii baajata bara bajataa 2015 Naannoo Kibbaarratti xiyyeeffate mariin gaggeeffameera.

Obbo Ristuun maricharratti akka ibsanitti, baajata mootummaan federaalaa naannoleef qoodu, haala heddummina lammiilee gidduugaleeffateen waliin gahuun itti gaafatama naannoleeti.

Ummatoota gidduutti wal amantaa, walta’iinsaa fi obbolummaa bu’uuressuuf qooddiin qabeenyaa haqa qabeessi jiraachuun murteessa ta’uu ibsaniiru.

Haaluma kanaan galii godinaalee fi aanaalee nannichaarraa walitti qabaman ofii isaaniif oolchuuf hojmaata dandeessisuu diriirsuu eeraniiru.

Maricharratti hoggantoonni hojii naannoo, godinaalee fi aanaalee hirmaachaa jiraachuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment