Bu’aa qabeessummaa damee oomishaa cimsuuf fooyya’iinsi imaammataa taasifameera-Ministeera Indaastirii

Finfinnee, Sadaasa 28, 2016 (FBC)- Bu’aa qabeessummaa damee oomishaa cimsuuf fooyya’iinsi imaammataa taasifamuu dabalatee hojiileen qabatamaan gaggeeffamuu Ministeerri Indaastirii beeksise.

Yaa’iin Misoomaa Sagantaa Misoomaa Dhabbata Mootummoota Gamtoomanii Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa’icharratti Ministir Deetaan Ministeera Indaastirii Taarraqanyi Bulultaa, misoomni indastirii giddugalaa imammata misoomaa Itiyoophiyaati jedhan.

Karoora misoomaa waggoota 10 fi ajandaa fooyya’iinsaa diinagdee biyya keessaan damichaaf xiyyeeffannaan kennamuu kaasanii, kana hordofees bu’aa qabeessummaa damichaa cimsuuf hojiileen bu’uuraalee misoomaa ijaaruu gaggeeffamuu ibsaniiru.

Kana malees, tarsiimoowwan guddina damichaa saffisiisan hojiirraa oolfamuu ibsuu TOI gabaaseera.

Rakkoolee damee indaastiri mudatan furuufis misooma damichaaf kutannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Itiyoophiyaatti Bakka Bu’aan Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Chaaruu Biistii gama isaaniin, Itiyoophiyaan waggoottan darban damee indaastirii babal’isuuf hojiileen gaggeessaa jirtu jajjabeessaa ta’uu kaasan.

Dameen indaastirii sharafa alaa argamsiisuu, carraa hojii uumuu fi oomishaalee biyyaa alaarraa galan bakka buusuun, waliigalaan jijjiirama caasaa taasisuuf humna olaanaa akka qabu beeksisaniiru.

Sagantaan Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii damicha cimsuufis yaada galtee immaammataa dhiyeessuun Itiyoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment