Bu’aa dursanii qoratamuu kaanserii hulaa gadameessaa

Finfinnee, Muddee 15, 2012 (FBC) – kaanserii hulaa gadameessaa dhibichaan utu hin qabamiin fi dhiibbaa osoo hin qaqqabsisiin dursanii yaalaa taasisuun dhibicha ittisuun ni danda’amaa.

Barbachiisummaa qorannoo dursanii taasisuu kaanserii hulaa gadameessaa

Ityoophiyaa keessatti waggaatti hospiitalaa kan deemanii yoo qoratamaan dubartoonni kuma 7 ol dhibee kaanseriin saaxilamoo yoo ta’an, kanneen keessaa kumni 6 ol ammoo dhibee kanaan lubbuu isaanii kan darbu ta’uu ragaan Kolleejjii Miliiniyeem Qidduus Phaawloos irraa argame ni muldhisa.

Qorannoo dursaa Kaanserii hulaa gadameessaaf maltuu ta’uu qaba?

  1. Dubartoonni umurii 21 ol ta’an hariiroo kan eegalan
  2. Kana dura qorannoo taasisaanii biliisa jedhamanii wagga 3 yoo darbee
  3. Vayiireesiin HIV dhigaa isaanii keessa yoo jiratee.

Dursaanii qoratamuun Kaanserii hulaa gadameessa maaliif fayyada?

  1. dhibichaan yoo qabaman dursaani beekuu
  2. mallattoolee dhibee kana of irratti yoo argan dursaani yaalaa taasisuu
  3. dhibicha kana of irratti yoo argaan ta’e dursanii yaalamuu qorichaa fudhachuu fi ofeeggannoo barbachisaa taasisuu.
Comments (0)
Add Comment