Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Bu’aa ba’ii hedduu keessatti bu’aa guddaa galmeessisuu dandeenyeera jedhan Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Taaggasaa Caafoon.
Gabaasni raawwii karooraa bara baajataa 2014 Koreewwan Dhaabbii 11 mana marichaa gamaaggamameera.
Manni marichaa Guyyaa hundeeffama mootummaarraa eegalee paartilee dorgomtootaa hirmaachisuun ijaarsa biyyaaf ga’ee olaanaa ba’achuu kaasaniiru.
Hojiileen akka biyyaattii fi akka dhaabbataatti hojjetaman kan jajjabeeffaman ta’uu fi yaadonni dabalataa koreewwan dhaabbiin dhiyaatan barsiisoo ta’uu eeraniiru.
Ityoophiyaa sadarkaa fooyya’aarraan ga’uuf deeggarsa hunda keenyaa barbaada jedhaniiru.
Ittaantuun Af Yaa’ii Aadde Loomii Badhoon gamasaaniin,hojiimaata dhaabbileen gaarii hojjetan ittiin jajjabeeffaman, warreen hin hojjenne ammoo ittiin itti gaafataman diriirsuun barbaachisaa ta’uu kaasuu ragaan Mana marichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.