Bu’aa argameen osoo of hin dagatin rakkoolee nageenyaa fi misoomaa furuun barbaachisaadha – obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Eebila 1, 2014 (FBC) –Bu’aa argameen osoo of hin dagatin rakkoolee nageenyaa fi misoomaa furuun barbaachisaa ta’uu Preezdaantiin Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Waltajjiin gamaggama raawwii hojii paartii fi mootummaa Naannoo Oromiyaa kurmaana 3ffaa Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Yeroon keessa darbine hammamuu ulfaataa fakkaatus osoo diinonni keenya ni kufu nuun jedhanii nu eeganii injifannoon galmeessine egeree keenyaaf galaa taheeraa jedhan Preezdaantiin Mootummaan Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, kunis ta’ee haala rakkisaa keessatti hoggantoota nageenya eegsisuun harka biroon ammoo misooma itti fufsiisuu danda’an arganneerra jedhan.

Ummanni keenya ummata jabaa rakkoowwan hedduu dabarsee fi obsee as gahe tahus ammas sababa ilmaanumasaa kaan gantuufi kaanis hattuu ta’aniin rakkataa jiraachuu kan eeran Preezdaant Shimallis, rakkoo kana keessaa ummata keenya baasuu kan dandeenyu ummata keenya qindeessuun kutannoon yoo qabsoofnee fi hogganne qofaa jedhan.

Waltajjii marii fi qorannoo raawwii hojii paartiifi mootummaa kurmaana 3ffaa kanaan, xiinxalli raawwii hojii gamaggamaan argame hedduun akkuma hawwaasni komataa jiru rakkoon hannaa, kenna tajaajilaa fi ijaarsa gandummaafi faayidaa babal’atee jiraachuu gamaggamamuu kan eeran Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa, mootummaanis ta’ee ummanni kanaan booda hoggantootaa fi hojjettoota rakkoo kana keessaa harka qaban baatee deemuu kan hin dandeenye tahuu dubbataniiru.

Marichaan hanqinnoonnii fi ciminoonni raawwii hojii hanga kurmaana 3ffaatti jiran adda bahuun, kallattiin hojii fi karoora bara hojii 2015 irratti mari’atamee kallattiin raawwii hojii fuula duraa kennamuun ragaan Waajjira Preezdaantii Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment