Briitaaniyaan ifatti Gamtaa Awrooppatiin adda baate

Finfinnee, Amajjii 23, 2012 (FBC) – Briitaaniyaan ifatti Gamtaa Awrooppatiin adda baate.
 
Adda ba’umsichi lammiilee dhimmicha mormaniin dabaalamuun ifoomera.
 
Briitaaniyaan miseensummaa Gamtaa Awrooppaa waggaa 47tin ifatti adda baatetti.
 
Landanitti adda ba’umsicha deeggaruun addabaaba’ii ba’aniiru.
 
Aayarlaandii fi Skootlaanditti ammoo Briitaaniyaan gamtichaan adda ba’uun mormameera.
 
Gamtaan Awrooppaatis alaabaa Briitaaniyaa waajjirasaa muummee Braasalsii buusera.
 
Muummee ministiraa Briitaaniyaa, Booriis Joonsan biyyaa fi lammiilee biyya isaanii qixa tajaajiluuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
 
Lammiileen Briitaaniyaa gamtichaa ba’uuf murteessuun sagalee kan laatan waggaa sadan har’aa ture.
 
Egasii akkaataa adda ba’umsaarratti mari’atamaa tureera.
 
Maddi; BBC
Comments (0)
Add Comment