“BRICS” caalmaatti akka cimu Pireezidaanti Shii Jiinpiinga waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Hagayya 17, 2015 (FBC) – Sirna idil addunyaa haqa qabeessa ta’e dhugoomsuuf lakkoofsi biyyoota miseensa“BRICS” dabaluu fi caalmaatti cimuu akka qabu Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiinga ibsaniiru.

Sirna idil-addunyaa haqa qabeessa ta’e ijaaruuf jecha biyyoota diinagdeen guddachaa jiran gara garichaatti makamuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Chaayinaan Sirni Idil Addunyaa haqa qabeessa akka ta’u malee olaantummaan to’achuuf fedhiin hin qabdu jedhan.

Pireezidaanti Shii Jiinpiingi ergaa gama Ministira Daldalaa biyyattiin dabarsaniin Chaayinaan Addunyaa to’achuufis ta’ee dorgommii humnaa keessa seenuuf fedhiin kan hin qabaanne ta’uu eeraniiru.
Chaayinaan fayyadamummaa walootti kan amantu ta’uu dubbataniiru.

“BRICS” dhiibbaa idil addunyaan qoramus guddina isaa itti fufa jechuun dubbachuu isaanii Al Jeeziiraan gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment