Braaziilitti lakkoofsi namoota Covid-19 du’anii kuma 40 caale

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Braazilitti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan du’anii kuma 40 caaluu himame.
 
Biyyattiitti namoota dhibee koroonaan qabaman kuma dhibba 8 fi kuma 2 fi 828 keessaa namoonni kumni 40 fi 919 lubbuun darbaniiru.
 
Guyyaatti tokkotti namonni kuma 30 ol dhibichaan qabamuu isaanii himammeera.
 
Braaziil Ameerikaatti aanuun biyya namoonni hedduun vaayrasii koroonaan qabamanii taaterti.
 
Ameerikaatti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman miiliyoona 2 caaluun isaa kan yaadatamuudha.
 
Addunyaarratti hanga guyyaa kanaatti namoota miiliyoona 7 fi kuma dhibba 5 fi kuma 99 fi 647 vaayrasichaan qabaman keessaa namoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 23 fi 887 lubbuun darbuu ragaan Worldometer jedhamurraa argame ni muul’sa.
 
Namoonni miiliyoonni 3 fi kumni dhibbi 8 fi kumni 43 fi 795 ammoo dhibicharraa dandamataniiru.
 
Akka Afrikaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qamanii kuma dhibba 2 fi kuma 19 kan caale yoo ta’u, namoonni kumni 5 fi 881 ammoo du’aniiru jedhame.
 
Ityoophiyaattis Baatii 3 keessatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii kuma 2 fi 670 ga’eera.
Maddi:- BBC
Comments (0)
Add Comment