Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Bosonni Maajaang UNISCO irratti galmaa’ee ture barbadaa’aa jiraachuun dhaga’ameera.
Naannoo Gambeellaa godina saba Majaangii keessattii kan argamu bosonni Maajaang namoota karaa seeraan alaa bosona ciraniin manca’aa jiraachuu hawaasni naannawichaa ibsaniiru.
Miseensonni kaabinee aanaa Goodaree fi qaamoleen dhimmamtootaa bosona maajaang namoota seeraan alaan manca’e daawwataniiru.
Namoota faayidaa yeroo barbaadaniin bosonicharra miidhaa guddaan qaqqabaa jiraachuu fi miidhaa qaqqabaa jiru ittisuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu bulchaan aanaa Goodaree obbo Yishaaq Abrahaam ibsaniiru.
Yeroo dhiyoo asitti mukeetiin umurii waggaa 300 hanga 400 qaban namoota seeraan alaan manca’aa jiraachuu kaasaniiru.
Weeraraa fi mancaatii saffisaan gaggeeffamaa jiru ittisuuf weerartoota adda baasuun, qabiyyee bosonichaa keessaa baasuu fi seeraan gaafachuuf kan hojjetamu ta’uu addeessaniiru.
Bosonicha keessa gosni biqiltuuwwan 550, simbirootaa 180, bineensota hoosiftoota 33 fi bineensota lafarra munyuuqan 20 kan jiran ta’uu ibsameera.
Adam Aliitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.