Bosona Amaazoon manca’iinsarraa bararuuf waliigaluu n hindanda’ame

Finfinnee, Hagayya 5, 2015 (FBC)- Biyyooni Ameerikaa Kibbaa Biraazilitti walga’ii gaggeessaniin balaaf kan saaxilamaa kan ta’e Bosona Amaazoon manca’iinsarraa baraaruuf galma waloorratti waliigaluu akka hindandeenye eerame.

Biyyoonni miseensa Dhaabbata Waadaa Walta’iinsaa Amaazoon (ACTO) waggootta kudhan booda “Somba Addunyaa” jedhamuun kan beekamu Bosonaa Amaazoon baraaruuf galma murtaa’e baasuuf kan kaayyeffate walga’ii yeroo jalqabaaf gaggeessaniiru.

Waggoota 14 keessatti akka walitti hindhufne kan ibsan Pireezidaantiin Biraaziil Liwiiz Inaasiiyoo Lulaa Daa Siilvaa yeroo ammaa gufuulee mul’tanii fi carraaleen fuulduratti jiran tarkaanfii waloo waan barbaachisuuf walarguun akka isaan gammachiise kaasaniiru.

Pireezidaantichi bara Faranjootaa 2030’tti ciramuu bosonaa dhaabuuf imammanni naannawaa waloo akka bocamu jajjabeessuun biyyi isaanii ciramuu bosonaa zeeroorraan ga’uuf akka hojjetan waadaa galaniiru.

Bara bulchiinsa Dursaa duraanii biyyattii Jaayer Boolsoonaaroo ciramuun bosona Amaazoon haala olaanaan akka dabalee eeruun qorattoonni tokko tokko, bosonni muraasni kun gara dirree margaatti jijjiiramuu akka danda’u akeekkachiisan.

Dureewwan Biraaziil, Kolombiyaa, Peeruu fi Booliiviyaa, aanga’oota olaanoo Ikkuwaadoor, Veenzuweelaa, Gayaanaa fi Suurinaam waliin Amaazooniin waloon baraaruuf waliigaltee sanada eegumsa naannawaa ‘Labsii Beelem’ jedhamu mallatteessuu CNN gabaaseera.

Haa ta’u malee, irra jireessaan immaammata waloo dhimmoota ciramuu bosonaa dhaabuuf dandeessisanirratti waliigalteerraa ga’amuun gabaafameera.

Dabalataan Gayaanaa, Suuriyaamii fi Booliviyaan galma waloorratti waliigaluu dhabuun walga’icha dhiisanii ba’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment