Boruu eegalee hojiin Barsiisota Waldaan gurmeessuu ni jalqaba – BBMF

Finfinnee, Guraandhala 28, 2016 (FBC) – Barsiisota Waldaan Gurmeessuun hojiin Manneen Jireenyaa ijaaruu eegalame rakkoo mana jireenyaa barsiisotaa furaa jiraachuu Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Hojiin hojjetamaa jiru rakkoo mana jireenyaa barsiisotaa sadarkaa furuurra ga’uu Hogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dooktar Zalaalam Mulaatuun eeraniiru.

Barsiisoota, Hoggansa Barnootaa fi ogeeyyii barnootaa caasaa mootummaa keessatti argaman Boruu eegalee hojiin waldaan gurmeessuu kan jalqabu ta’uu Dooktar Zalaalame eeraniiru.

Kanaanis barsiisoonnii fi hoggansi barnootaa kutaalee magaalaa 11 keessatti argaman kumni 30 ol Waldaan kan gurmaa’an ta’uu dubbataniiru.

Kanneen carraa kana argatan % 30 qusachuun kan irraa eegamu ta’uu himaniiru.

Dhaabbileen Faayinaansii dhiyeessa Liqaa % 70 kan mijeessan akka ta’es eeraniiru.

Hayimaanoot Iyyaasuutu gabaase.

#Oromia_Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment