Boqonnaan marii Maree Biyyaalessaa magaalaa Finfinneetti eegale

Finfinnee, Caamsaa 21, 2016 (FBC) – Komishiniin Maree Biyyaalessaa  boqonnaa marii magaalaa Finfinnee Galma Yaadannoo Injifannoo Adwaa gaggeessuu eegaleera.
.
Marii guyyoota torbaaf gaggeeffamuun hirmaattoonni marii yaada ajandaa kan dhiyeessan ta’uu himameera.
Adeemsa kana keessatti ajandaa ka’u kamiiyyuu keessummeessuuf qophiin dandeessisu taasiifamuu eerameera.
Qooda fudhattoonni maricharratti hirmaataan ajandaalee kan waloo taasiisuun walitti qabuu fi gurmeessuun yaada furmaataa boqonnaa kanaan ni dhiyeessu jedhame.
Marii kanaarratti hirmaattoonni kutaalee hawaasaa garaagaraarraa walitti babba’an kan hirmaatan yoo ta’u, marichi hanga Caamsaa 27, 2016tti itti fufa jedhame.
Fatiyaa Abdallaatu gabaase.
Comments (0)
Add Comment