Boqonnaan jalqabaa tajaajila buufata gogaa Warataa tajaajilaaf qophii ta’e

Finfinnee, Amajjii 21, 2012 (FBC) – Boqonnaan jalqabaa tajaajila buufata gogaa Warataa xumuramuun tajaajilaaf qophii ta’uu Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Tajaajila Loojastiiksii Ityoophiyaa beeksise.

Biyyattiif tarminaala buufata gogaa 8ffaa kan ta’e buufanni gogaa Warataa al ergii fi galchuuf tajaajilu bara darbe baatii Bitoottessa ijaarsi isaa eegalamee ture.

Lafa hektaara 3 irratti Birrii miiliyoona dhibba 1n ijaarramaa kan ture boqonnaan jalqabaa guutumatti xumuramuun tajaajilaaf qophii ta’uun isaa ibsameera.

Ijaarsi boqonnaa jalqabaa buufata gogaa Warataa tajaajila yeroo eegale guyyaatti koonteenaroota 937 keessummeessuu akka danda’u daayreektarri koominikeeshinii dhaabbatichaa obbo Ashabbir Nootaa himaniiru.

Waggaatti osoo wal irra hin kaa’amni lafa irratti qofa konteenaroota kuma 16 fi 868 keessummeessuu akka danda’us ibsaniiru.

Ijaarramuun buufata kanaa faayidaa diinagdee hedduu qabaachuu obbo Ashabbir himaniiru.

Daldala alaa kallattii Sudaaniin gaggeeffamu cimsuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.

Ijaarsi waliigalaa buufatichaa lafa hektaara 21 irra kan qubatu yoo ta’u, guyyaan konteenaroota kuma 5 fi 355, waggaan ammoo Konteenaroota kuma 96 fi 390 keessummeessuu akka danda’u daayreekteerrichi ibsaniiru.

Ogeessi tarminaan buufatichaa obbo Asmaamaaw Kaasaw akka ibsanitti buufata kanaaf bu’uraaleen misoomaa hundi geettameera.

Ijaarsi isaa baatii Hagayyaa bara 2011 xumumu osoo qabu sababoota garagaraan hanga ammaatti turee jira jedhan.

Buufatich yeroo ammaa hojjettoota 29 carraa hojii dhaabbii, hojjettoota kuma 1 fi 463f ammoo carraa hojii yeroo uumee jira jedhan.
Buufatichi Gurraandhala dhufu hojii kan eegalu ta’uu isaa ragaan Ministeera Geejjibaa FDRI irraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment