Boqonnaa haaraan kuni seenaa biyya keenyaa keessatti iddoo guddaa qabaata – Adaanach Abeebee

Finfinnee, Fulbaana 25, 2014 (FBC) – Sirni muudamaa Boqonnaa haaraa seenaa biyya keenyaa keessatti iddoo guddaa qabaata jedhan Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee.
Sirni waadaa galuu muummee ministiraa FDRI Abiy Ahimad guyyaa kaleessaa hoggantoonni, gaggeessitoonni mootummaa olaanoon, Dippilomaatoonni biyyootaa garaa,Ministiroonni, preezdaantoonni Naannoo akkasumas jiraattoonni magaalaa Finfinnee kuma dhibbaan lakkaawaman bakka argamanitti Dirree Masqalaatti raawwatamuu Aadde Adaanach Abeebee fuula feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
Seenaa bulchiinsa Mootummaa Ityoophiyaa bara dheeraa keessatti yeroo jalqabaatiif filannoo amanamaa gaggeessuun kan irra geenye Boqonnaa haaraan kuni seenaa biyya keenyaa keessatti iddoo guddaa qabaata jedhan.
Jiraattoonni magaalaa Finfinnee abdii boqonnaa haaraa kanatti biyya irraa qaban akkasumas kabajaa fi jaalala muummicha ministiraa Abiy Ahimadiif qaban miira ho’een ibsataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment