Boqonnaa barbaachisaa dabni ABUT fi ergamtoota isaa itti fashalaa’urra geenyeerra-obbo Iristuu Yirdaawu

Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC) – Boqonnaa barbaachisaa dabni ABUT fi ergamtoota isaa itti fashalaa’urra geenyeerra jedhan Preezdaantiin Naannoo Uummattoota Kibbaa obbo Iristuu Yirdaawu.

Garee shororkeessaan ABUT  Ityoophiyaa jibbu maqaa hooggansaan saamaa turuu fi faayidaan dhuunfaa natti hafe jedhee diinota Ityoophiyaa waliin ta’uun harma hodhaa ture irra deddeebiin ciniinaa jiraachuu ibsaniiru.

Dirqama biyya itti fufsiisuu baatee kan jiru Paartiin Badhaadhinaa uummata Ityoophiyaa qindeessuun biyya kabajamtee jiraachaa turte kabaja ishee eegee dhalootatti dabarsuuf yeroo kamiyyuu caalaa kutannoon hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Duula biyya baraaruurratti hooggantoota olaanoo paartichaa dabalatee uummanni Ityoophiyaa hundi hirmaachuun yeroo dhiyoo keessatti gareen shororkeessaa ABUT fi jaalleewwansaa jabina Ityoophiyaa akka hubatan ni taasifama jedhan.

Ityoophiyaanonni sadarkaa itti gaafatamummaa, naannoo fi haala kamiyyuu keessa jiran birmadummaa biyyaa eegsisuuf  qooda isaanii akka ba’atan waamicha dhiyeessaniiru.

Ityoophiyaanonni garaagarummaa keenya yeroof cinatti dhiisnee Ityoophiyaaf tokkummaan ka’uun keenya boqonnaa barbaachisaa daba ABUT fi jaalleewwan isaa itti fashaleessinurra geenyeerra jedhan.

Mooliitoo Eeliyaastu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment