Booruu eegalee Intarneetii fi tajaajila sagalee waliigalarratti hir’ifamni taasifame

Finfinnee, Hagayya 20, 2012 (FBC) – Iityoo Teeleekoom sababa weerara vaayarsii koroonaan tajaajila Intarneetii fi sagalee waliigalarratti hir’ifama gatii taasiisuu beeksise
 
Hojii Raawwachiiftuu olaantuun Iityoo Teeleekoom aadde Fireehiyiwat Taammiruun karoora imaammataa waggaa 3 fi baajata bara 2013 ilaalchisuun ibsa laataniiru.
 
Tajaajila waliigalaa Intarneeti irratti % 35, tajaajila sagalee waliigarratti ammoo % 29 hir’ifama taasiisuu ibsaniiru.
 
Tajaajjilli waliigalaa mana keessaan turaa hanga bara Faranjootaa dhufuuttui haaluma tureen kan itti fufuu ta’uu ibsaniiru.
 
Akkasumasa bara haaraa sababeeffachuun tajaajila waliigalaa ‘Aday Ababaarratti’ % 53 hir’ifama taasisuu himaniiru.
 
Dhaabbatichi bara 2013tti lakkoofsa maamiltoota miiliyoona 52.1tti guddisuuf kan hojjetu ta’uu ibsameera.
 
Bara baajataa 2013 galii waliigalaa biiliyoona 55.5n ga’uuf karoorfamuu aadde Fireehiyiwat ibsaniiru.
 
Lakkoofsa fayyadamtoota moobaayilii miiliyoona 44.5 ture gara miiliyoona 48.7 ol guddisuuf karoorfamuus ibsaniiru.
 
Bara baajatichaa iddoolee uwwisni tajaajila 3G fi 4G hin geenye waliin ga’uuf ni hojjetama jedhan.
 
Sooddoo Lammaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment