Boordiin Sakattoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa daawwannaa marsaa duraa gaggeessaa jira

Finfinnee, Sadaasa 19, 2013 (FBC) – Boordiin Sakattoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa daawwannaa dirree marsaa jalqabaa gaggeessaa jiraachuu ibsame.

Sadaasa 14, 2013 daawwannaa dirree marsaa jalqabaa kan eegale Boordiin Sakattoo Raawwii Labsii Yeroo Ariifachiisaa hanga ammaatti Bahaar Daar, Goondarii fi naannoo Daanshaa naanna’uun daawwateera.

Boordiin Sakattoo kun Haleellaa gareen ABUT buufata xiyyaara Bahaar Daarii fi Goondar irra qaqqabsiise daawwachuun hojii isaa eegaleera.

Duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu mootummaan gaggeessaa jiruun raayyaa ittisaaf harka kan laatanii fi lola gaggeeffame keessatti miidhamuun yaalarratti kan argaman humni addaa fi milishaan garee ABUT odeeffannoon dura garee ABUT irraa argatanii fi kunuunsi yeroo ammaa argachaa jiran kan walfaalleessu ta’uu miseensota boordii sakattoo kanaaf ibsaniiru.

Jilli kun raayyaa ittisa biyyaa Izzii kaabaa meekaanaayizdii 5ffaa gareen ABUT haleellaa irratti raawwate daawwateera.

Boordiin Sakattoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa kun guyyoota itti aanaan iddoolee biroo kan daawwatu ta’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatarraa argame ni agarsiisa.

Boordiin Sakattoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa heera mootummaa fi sirna mootummaa balaarraa ittisuuf jecha dhiyeenya kana ragga’e ta’uun isaa ni yaadatama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Comments (0)
Add Comment