Boordiin qorannoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa hojiilee hanga ammaatti hojjete ifoomse

Finfinnee, Hagayya 19, 2015 (FBC) – Boordiin qorannoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa hojiilee hanga ammaatti hojjetee fi yeroo itti aanu raawwataman ifoomseera.

Itti Aanaa Walitti Qabaan boordichaa Dooktar Najaat Girmaan erga boordiichi hundeeffamee kaasee hojiilee hojjetamaa turanii fi hojiin waliigalaa fuulduratti hojjetaman ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Haala namoota to’atamanii Poolisiin Federaalaa qorannoo irratti gaggeeffamaa jiru hubachuuf kutaalee ciisichaa fi nyaataa seenuun daawwannaan taasiifamuu ibsaniiru.

Namoota to’annoo jala jiran waliin mariin taasiifamuu eeraniiru.

Qabxii shakkamtoota biraa ka’an irratti hoggantoota giddugaloota manneen amala sirreessaa waliin mari’atamuu dubbataniiru.

Daawwannaa taasiifameen haalli qabiinsa mirga namoomaa shakkamtootaa gaarii ta’uu Dooktar Najaat himaniiru.

Boordiin qorannoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa Hagayya 8, 2015 hundaa’uun kan yaadatamuudha.

Magaalaa Finfinneetti manneen barnootaa adda addaa keessatti lammiileen jumlaan hidhamaa jiran jechuun olola gaggeeffamaa jiru qulqulleessuuf hoggantoota Komishinii Poolisii magaalichaa waliin mariin gaggeeffamuu eeraniiru.

Miseesonni boordichaa manneen barnootaa garaagaraa keessatti daawwannaa taasiisaaniin namni hidhame kan hin jirre ta’uu mirkaneessuu himaniiru.

Yeroo itti aanuus naannoo Amaaraatii hojiin daawwannaa kan gaggeeffamu ta’uu fi labsichaan booda taatee naannicha keessatti raawwate qorachuun ummataaf kan ifoomu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment