Boordiin Qorannoo hordoffii fi to’annoo eegale cimsee itti fufuu qaba – Aadde Loomii Badhoo

Finfinnee, Hagayya 17, 2015 (FBC) –Boordiin Qorannoo labsii yeroo ariifachiisaa hordoffii fi to’annoo eegale cimsee itti fufuu akka qabu Itti Aantuun Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Aadde Loomii Badhoon hubachiisan.

Boordichi gabaasa raawwii hojiilee hanga ammaatti raawwate erga dhiyeessee booda wixinee karoora yeroo itti aanuu irratti bakka Aadde Loomii Badhoo fi ministirri Itti Waamamaan mootummaa Obbo Tasfaayee Baljigeen argamanitti mari’ateera.

Aadde Loomiin boordichi karaa walaba ta’een hojiilee raawwachaa jiruuf galateeffataniiru.

Yeroo itti aanuus hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu nageenya waaraa akka fidu hordoffii fi to’annoo taasiisu boordichi cimsee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment