Finfinnee, Sadaasa 9, 2014 (FBC)- Boordiin Qajeelcha labsii yeroo ariifachiisaa boruurraa eegalee daawwannaa dirree isaa jalqabaa kan gaggeessuu ta’uu walitti qabaan boordichaa obbo Lammaa Tasammaa ibsa har’a laataniin himaniiru.
Ibsichaan boordichi erga hundeeffamee irraa eegalee qophiilee garagaraa raawwataa tureera.
Boordiin Qajeelcha labsii yeroo ariifachiisaa boruurraa eegalee daawwannaa dirree ni gaggeessa
Obbo Lammaan har’a laataniin, boordichi erga hundeeffamee irraa qophiilee garagaraa raawwataa tureera.
Boruurra eegalee iddoowwan walitti bu’iinsi jiranittii fi kallattiiwwwan eeruun itti laatamaanitti socho’uun raawwii labsichaa fi dhimmoota qabamanii jiran ni daawwata jedhameera.
Boordichi adeemsa labsiichaan dhiibbaa mirga namoomaa raawwatamaan jedhamanii fi akkasumas dhiyeessii deeggarsa namoomaarratti xiyyeeffannoon ni hojjetamaa jedhaniiru.
Daawwannaan boodas qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun kallattiiwwan falaa fudhatamuu qaban irratti mari’achuun hawaasa ibsa ni taasifamaa jedhaniiru.
Hawaasni eeruu kamiyyuu sarara bilbilaa 8557 akkasumas sarara bilbilaa 0111239978 irratti bilbiluun akka laatan kallattiin ka’ameera.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna