Boordiin Filannoo raawwii murtee ummataa Godinaa Walaayittaa irratti qorannoon dabalataa akka gaggeeffamu ajaje

Finfinnee, Guraandhala 13, 2015 (FBC)- Godinaa Walaayittaatti seera qabeessummaa adeemsa raawwii murtee ummataa mirkaneessuuf haalonni rakkisoon uumamuurraan kan ka’e qorannoon dabalataan akka gaggeeffamu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ajaje.

Boordichi, buufataalee hedduutti akkaata seeraa filannootiin qajeelfamoonni seera qabeessa ta’an, gochaaleen akka hojmaata olaanaatti lakkaa’aman cabuu ibseera.

Haaluma kanaan buufataaleen gochichi raawwateetti akkataa ulfaatinaa fi bal’inaatiin qorannoon dabalataan akka gaggeeffamu boordichi ajajuu ragaan boordicharraa argame ni mul’isa.

Hojiin qorannichaa akka xumurameen dhimmicharratti murtee dhumaa akka kennus beeksiseera.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Amajjii 29, 2015 Naannoo Sabaa fi Sablammoota Ummattootaa Kibbaatti godinaalee ja’aa fi aanaalee addaa shanitti bu’aa murtee ummataa mirkaneessuu gaggeessee, boordichaan ragga’ee ummataaf ifoomuun ni yaadatama.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment