Boordiin Filannoo Biyyoolessaa hanga deeggarsa maallaqaa Paartilee siyaasaaf taasisuu ifoomse

Finfinnee, Bitootessa 20, 2014 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyoolessaa hanga deeggarsa maallaqaa Paartilee siyaasaaf taasisuu ifoomseera.

Boordichi guyyaa har’aa paartilee siyaasaa waliin marii kan taasise yoo ta’u, hanga deeggarsa maallaqaa paartilee siyaasaaf taasisuu ifoomseera.

Deeggarsi maallaqaa kun akkaataa qajeelfama kanaan dura raggaasifameen kan taasifamu ta’uu ibsameera.

Paartilee siyaasaa biyyaalessaa 19 fi paartilee siyaasaa naannolee 35 waliigala paartilee siyaasaa 54’f  deeggarsa Birrii hanga kuma dhibba 7 fi kuma 89 kan taasisuu ta’uu ragaan boordicharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment