Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa qajeelfamoota wixinee filannoo irratti paartilee siyaasaa waliin marii gaggeesse

Finfinnee, Muddee 23, 2013 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa qajeelfamoota wixinee filannoo irratti paartilee siyaasaa waliin marii gaggeesseera.
Waltajjichaan Walitti Qabduun Boordichaaburtukaan Miidhagsaa haasaa taasisaniin, paartileen siyaasaa qajeelfamoota wixinee irratti yaadota ijaarsaa akka laataniif waamicha dhiyeessaniiru.
Qajeelfamoonni wixinee filannoo kun bu’uuruma aangoo labsii sirna filannoo lakkoofsa 1162/2011 keeyyata 47 keeyyata xiqqaa 3 fi keeyyata 57 keeyyata xiqqaa 4 kennameen waltajjiin gaggeeffameera.
Kanaanis, kenna sagalee, lakkaawwii fi raawwii adeemsa iftoomina bu’aa filannoo ifaa fi si’ataa taasisuu akkasumaas raawwachiiftoota filannoo, bakka bu’aata kadhimamtootaa, koreewwaan komii dhaggeeffatan, tajjabdoota biyya keessaa fi alaa irratti hubannoo laachuuf waltajjii qophaa’edha.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment