Boordiin Filannoo Biyyaalessaa fi Paartileen Siyaasaa waltajjii marii gaggeessan

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2013 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa fi Paartileen Siyaasaa waltajjii marii 4ffaa gaggeessuu ibsameera.
Waltajjii kanarratti bakka buutoonni Paartilee Siyaasaa mallattoo Filannoo fudhatanii fi hoggantoonni Boordii Filannoo Biyyaalessaa argamaniiru.
Haala adeemsa galmee Kaadhimamtootaa, iyyannoowwan dhiyaatan ilaalchisee furmaata laataman irratti mari’ataniiru jedhame.
Giddugala odeeffannoo Boordii Filannoo Biyyaalessaa fi hojmaata ergaa gabaabaarrattis marii taasiisaniiru.
Lakkoofsa bilbilaa bilisaa 665 fi ergaa gabaaba 661’n rakkoo galmee bakka bu’oota muudatanif furmaanni laatamaa jiraachuu eerameera.
Hanga ammatti paartileen Siyaasaa 15 kan galmaa’an ta’uu fi bakka bu’oonni paartilee kumni 2 galmaa’uu Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Burtukaan Miidhagsaan ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment