Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii biyya keessaa filannoo taajjabuu barbaadaniif waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Muddee 2, 2013 (FBC) –Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii biyya keessaa filannoo taajjabuu barbaadaniif waamicha dhiyeesse.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii biyya keessaa hojii filannoo taajjabuu irratti hirmaachuu barbaadaniif waamicha dhiyeesse.
Filannoon waliigalaa 6ffaan taajjabdoota filannoo biyya keessaa hirmaachisuun filannoo bilisaa, haqaa fi loogiirra bilisa ta’e akka jiraatu taasisuuf gumaacha olaanaa qabaachuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ibseera.
Dhaabbileen Hawaasa Siivilii biyya keessaa filannoo waliigalaa 6ffaa taajjabuu barbaadan gaaffii isaanii boordiicha akka dhiyeeffatan beeksiseera.
Bu’uuruma kanaan Dhaabbileen Hawaasa Siivilii bu’aaf kan hin hundoofne, qaama mootummaa kan hin taanee, loogii paartii siyaasaa kamiyyuu kan hin qabne, hooggansi fi miseensi boordii dhaabbataichaa miseensa dhaaba siyaasaa kan hin taanee filannoo taajjabuu irratti hirmaachuu barbaadaniif boordichi waamicha dhiyeesseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment