Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ABOn yaa’ii waliigalaa gaggeessuu akka qabu hubachiise

Finfinnee, Amajjii 27, 2013 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Paartiin Adda Bilisummaa Oromo yaa’ii waliigalaa gaggeessuu akka qabu hubachiise.
Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa waldhabdee hoggantoota ABO gidduutti uumamee ture ilaalchisee ibsa laateera.
Boordiichi akkaatuma qajeelfamaan waldhabdee hoggantoota adda Bilisummaa Oromoo gidduutti uumame hiikuuf irra deddeebiin tattaaffii taasiisuu ibseera.
Obbo Araarsoo Biqilaafaan xaalayaa lakkoofsa 06/ABO/12 Hagayya 1, 2012 fi 7/08/12, 05/03/19 lakkoofsa 08/ABO/12 barreessaniin koreen hojii raawwachiiftuu paartichaa hayyuu duree Adda Bilisummaa Oromoo Jaal Daawud Ibsaa aangorraa dhorkamaniin jechuun Boordiin Filannoo Biyyaalessaa murtoo kana akka beekuu gaafataniiru.
Gama biroon obbo Daawud Ibsaafaan xaalayaa gaafa guyyaa 08/10/2020 lakkoofsa 0211/xly/abo/ 2020 barreessaniin miseensota koree hojii raawwachiiftuu paartichaa kan turan obbo Araarsoo Biqilaa, obbo Toleeraa Tashoomaa, obbo Atoomsaa Kumsaa fi miseensoota mana maree biyyaaleessaa kan turan obbo Qajeelaa Mardaasaa fi obbo Arbichoo Diima hanga yaa’ii waliigalaa itti aanuutti itti gaafatamummaa isaanirraa dhorkamuu isaanii Boordichi akka beeku gaafachuu isaanii ibsameera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa wadhabdee qaamolee lameen gidduutti muudate hiikuuf yeroo garaagaraatti aangoo qabuu fi akkaataa qajeelfamaan tattaaffii taasiisaa turuu ibsa isaan eereera.
Miseensoonni,caasaaleen dhaabbatichaa fi hoggantoonni rakkoo uumameef furmaata laachuu kan danda’u yaa’ii waliigalaa gaggeessuu akka qaban boordichi murteesseera.
Waldhabdeen hoggantoota kanneen gidduutti uumame hoggantoota hojii raawwachiiftuun hiikkachuu dhabuu isaani caasaaleenii fi miseensonni paartichaa dhimma kana hubachuun yaa’ii waliigalaa gaggeessuuf daandiiwwan dandeessiisan kamiiyyuu fayyadamuun akka gaggeessan Boordichi hubachiiseera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment