Finfinnee, Waxabajjii 24, 2013 (FBC)- Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa bu’aawan filannoo mirkaneeffamaan ifoomsaa jira.
Boordichi bu’aa filannoo naannolee hundaa ibsuun irra jiraatuus sababoota garagaraatin ibsu hin dandeenyee jedhameera.
Sababoota kanneen keessaas adeemsi ida’uu xumuramuu, naannoleen sababa geejjibaaf bu’aan filaannoo xumuramee gara giddugalaa hin erginee jirachuu waliitti qabduun boordichaa aadde Birtukaan Miidhaksaan ibsaniiru.
Dabalataanis paartiileen siyaasa komii adda addaa kaasuu isaanii sababa ta’eera.
Ta’uus naannoo Affaar naannolee filannoo 7, Gaambeellaa naannoo filannoo Agoogoo, Finfinneetti naannoolee filannoo adeemsa idaa’uuu hin xumurree jiraachuun bu’aa filannoo ibsuun kan hin danda’amnee ta’uu ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaa godina Qellem Wallaggaa naannoolee filannoo 4, naannoo Amaaraa naannolee filannoo 5 bu’aa filannoo ibsuu hin dandeenyee jedhan aadde Birtukaan.
Boordichi bu’aa naannolee filannoo 73 ta’aan har’a fuula maarsaariiti isaarratti ni ifoomsaa jedhaniiru.
Naannoo Oromiyaatti naannoolee filannoo Nageelleetti filannoo akka hin gaggeeffamne jedhamuus filannichi gaggeeffamee bordichaan fudhatamaa hin qabu jedhameet ture.
Ta’us ergaan dabarsiinee sababoota garagaraatin turuusaaf, hawaasni naannichaa qonnsan bulaa ta’uusaan, maqaa kiyyaa keessaatti hin haammatamnee namoonni jedhan feedhii isaaniin sagaleen laatamee ha qabamuu jechuusaaniin, buufatalee filannoo 139 sagaleewwan 195 laachuusaaniin Qaammee 1 hawaasni naannichaa haala jiruuf jireenyaa isaaniin argamuu kan hin dandeenyee ta’uun sagalee laatamee akka qabamuu, iddoowan sagaleen itti hin laatamnee yeroo gababa keessaatti akka laatamuu ibsameera.
Afawarq Iyaayyuu fi Misikkir Sinaafiqtu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.