Boordichi waldhibdee hooggantoota ABBO gidduu jiru ilaalchisuun sanadoota dhiyaatan qorachuun murtoo dabarsuu beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2013 (FBC)- Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen /ABBO/ ilaalchisuun murtoo dabarseera.
Gama obbo Raayaal Haamuud fa’iin Amajjii 12-15, 2013 walgahii koree giddugaleessaa ariifachiisaa gaggeeffameen, bu’uura danbii bulchiinsaa paartichaan sanadni qulqulleeffamu hin mul’ifne kan hin dhiyaannee ta’uu boordichi murtoo isaan yaadachiiseera.
Walgahii ariifachiisaa irratti namoota 47 argamaniiru jedhaman keessaa 10 miseensoota koree giddugaleessicha 10 qofaa tahuun, bu’uura danbii bulchiinsaa keeyyata 11.2 fi keeyyata 13.1 walgahii yaa’ii waan hin guutnee tahuu kaaseera.
Yerichatti walgahii adeemsifame kan gaggeessan Itti Aanaa Dura Taa’aa paartichaa akka tahan kan ibsan obbo raayaal haamuud sanada paartichaa waajjira boordichaatti aragamurratti kan beekkaman miseensa koree giddugaleessaa yoo ta’aan, Itti Aanaa Duura Ta’aa Paartichaa Obbo Ahimad Yaasin Sheek Ibraahim ta’uu beeksisaaniiru.
Dura Taa’aan paartichaa dhimmoota raawwatan bu’uura danbii bulchiinsaa keeyyata 33n koree diisipiliiniin ilaalamuu sanadni dhiyeessaan akka hin jirre boordichi ibseera.
Boordichi walgahii wayita sanitti gaggeessaniin, koree raawwachiiftuu hojii ceesisuu fi oodiitii keessaa sadi filachuu ibsuun walgahii yaa’iin tahuun ibseera.
Baatii 4 keessarri yaa’ii biyyaalessaa akka gaggeessan, murtoon darbee yaa’iin kan hin guutne ta’uun, danbii bulchiinsaa keeyyata 10.3 fi keeyyata 12.7 waliin kan wal faalleessu waan ta’eef boordichi murtoon darbe fudhatama kan hin qabne ta’uu murteesseera.
Gama dura taa’aa paartichaan namoonni 22 akka arii’atamanii fi namoonni 7 ammoo ji’a 6f akka ugguraman murtaa’uu ibsuun namoonni kunneen dhimma ittiin himataman ta’ee adeemsa waliigalaa kan mul’isu qaboon yaa’ii fi sanadni dhiyaate waan hin dhiyeesineef boordiin murtichi fudhatama hin qabu jechuun murteesseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment